• Thu. Mar 19th, 2026

Miseensonni paartii murna Bilxiginnaa Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti wal dhabdee yaadaa gidduu isaaniitti uumameen wal doorsisaa jiraachuun dhaga’ame 

Feb 19, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Gubbaa hanga gadiitti caasaaleen murni PP saamichaa fi dararrii uummataaf ijaaree bobbaase guyyaa guyyaan walitti dhukaasuun wal ajjeesuu, sanyiin wal fo’uu fi hidhaatti wal darbachuun waliin isaaniin wal balleessaa jiraachuu, akkasumas guutuu Oromiyaa keessatti uummata Oromoo dararaa jiraachuu yeroo irraa gara yerootti isiniif gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.

Bifuma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaatti miseensonni murna Bilxiginnaa hojjettoota aanaa Horroo ta’an Gurraandhala 14, 2025 walgahii miseensa isaanii waamanii maree irra kan turan oggaa ta’u, waltajjicha irratti miseensonni tokko osoo uummanni keenya beelaan dhumaa jiruu akkamiin biyya Jibuutii fi Sudaan Kibbaaf maallaqa liqeessina jedhanii yaada yammuu kaasan hooggantoonni aanichaa ammoo akka yaada kana hin kaasne ugguruun ibsameera. 

Kana malees aangoo fi humna isaaniitti dhimma bahuun guutuu Oromiyaa keessatti lukkeeleen murna Bilxiginnaa namoota yaada mormii dhiyeessanii fi hojimaata sirnichaa irratti gaaffii dhiyeessan hidhuu, saamuu fi ajjeechaa irratti raawwachuu haalaan cimsanii itti fufaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading