ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Murni impaayera bututtuu minilikiin ijaaramte tiksuuf jecha dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasaa oolu Bilxiginnaan, dhiiga qeerroo fi qarree Oromoon bu’aa siyaasaa butee barcuma aangootti ol ba’uun, yeroo ammaa goleewwan Oromiyaa hunda keessatti uummatuma dhiiga isaa itti lolaasee, lafee isaa itti cabsee, ol adeemaa isaa itti dhabee asiin isa ga’etti afaan qawwee garagalfachuun gara laafina tokko malee ajjeesaa, saamaa, hidhaa, qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessaa jira.
Haaluma kanaan, Gurraandhala 15, 2025 waraanni sirnichaa Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas keessaa shamarree maqaan ishee Baaccuu Qaasuu jedhamtu jalaa qarshii 100,000 ol yoo saaman, Obbo Musxafaa Maammaa jalaa ammoo mana jireenyaa isaa cabsuun qabeenya mana keessaa guutummaan erga fudhataniin booda, namoota kanneenis fuudhanii deemuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.




