ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Kufaatii gama maraan impaayerattii mudatee jiru jalaa ba’uuf jecha waraana isaa naamusa hin qabne uummata nagaatti bobbaasuun saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi dararaa garaa garaa raawwachiisaa kan jiru faashistichi Koloneel Abiy Ahimed, gocha inni gadaa aangoo isaa afaan qawween dheereffachuuf hojjechaa jiru kanaan uummatni hiraarfamaa jira.
Haaluma kanaan, Gurraandhala 14, 2025 waraanni faashistii PP aanaa Jimmaa Arjoo ganda Kooyyee Saqaa jedhamu keessatti jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Saaris Sayid jedhamu jalaa badii tokko malee loon 6 saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Namni kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu jiraattotni himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun saamanii jiraachuu ONM’f eeranii jiru.



