ONM-ABO Guraandhala 17,
2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa afaaniin akka waan ilmaan Oromoof dhaabbataniitti holola hafarsuun, faallaa isaa immoo kan dur barameen olitti ilmaan Oromoo dararuu hammeessaniiru.
Aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa cubbuu fi daba hawaasa nagaa irratti hojjetan garmalee jabeessuun, osoo isaan daandii irra deemanii badii tokko malee dargaggoota maqaan isaanii:
- Abdii Abraahim,
- Hiikaa Galgalii fi
- Ibraahim Jamaal
kanneen jedhaman torban darbe keessa ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba tokkollee kan hin qabne ta’uu himuun, dharaan yakkamanii “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhamuun kan hidhaatti darbataman ta’uu dubbatu.

