• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa seeraan ala lafa jiraattotaa saamuu fi jiraattotas hidhuu cimsanii itti fufan

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025 

Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo hiraarsuu fi boochisuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Magaalaa Mattuu ganda Madee jedhamu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa wayita ammaa maqaa misooma baala Shaayee jedhuun lafa uummataa faayidaa kanneen akka; ijaarsa manaa fi bakka dheedicha looniif oolan beenyaa tokko malee dirqamaan konkolaataan qotanii biqiltuu baala Shaayee kana irra dhaabaa kan jiran yoo ta’u, namoota “lafti keenya lafee keenya” jedhanii kennuu didan ammoo hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota lafa keenya hin kenninu jedhanii didan hedduus hidhaatti darbachuun, reebichaa fi doorsisa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading