• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti barsiisota walga’ii  irratti hin argamne jechuun miindaa isaanii dhorkachuun dhaga’ame

Feb 25, 2025

ONM-ABO Guraandhala 18, 2025 

Murni PP barsiisota ogummaa isaaniitiin lammii fi biyya isaanii tajaajilan akkaataa naamusa ogummaa fi seera cabsuun humna afaan qawweetti fayyadamuun doorsisuu fi miindaa isaanii dhorkachuun akka isaan ergama siyaasa Bilxiginnaa dhalootatti fe’an gochaa jiru.

Akkaatuma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti mana barumsaa 74 jiran keessaa mana barumsaa 14 filachuun wal-ga’ii ji’a darbe keessa bulchiinsa magaalaa Mandiitti waamuun Kaadiroonni Bilxiginnaa  ergama siyaasa sirnichaa itti kennanii turan.

Haa ta’u malee barsiisota rakkoo dhuunfaa fi haala garaa garaatiin wal-ga’icha irraa hafan qofaatti qooduun barsiisota hedduu miindaa isaanii dhorkachuun jireenya duraanuu harkaa gara afaanii itti ta’ee jiru kanatti qaala’iinsa jireenyaa itti dabaluun haala ulfaataa keessa galchanii jiraachuu maddeen keenya ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading