ONM-ABO Guraandhala 18, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulamaa garee 21 bakka addaa Canqoo jedhamuun beekamu keessatti Gurraandhala 16, 2025 waraanni maafiyaan Abiy Ahimed nama maqaan isaa Ibraahim Mahaammad Ushee jedhamu bakka hojii isaatii qabuun sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen himanii jiru.
Akka jiraattonni aanichaa jedhanitti, waraanni raayyaan ittisa impaayerattii nutti bobbaafaman kunneen badii tokko malee ilmaan keenya xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jedhin nu jalaa ajjeesaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni badiin kun yeroo mara dhiiga qulqullootaa dhangalaasuun barcuma aangoo siyaasa isaa dheereffachuuf jecha uummata nagaa badii tokko malee afaan qawween fixaa jiraachuun ifatti kan mul’achaa jiruudhas jechuun ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

