• Sat. Mar 14th, 2026

Ameerikaan sochii ‘balaafamaa’ helikooptara humna galaanaa Chaayinaatiin galaana Kibba Chaayinaa keessatti raawwate balaaleffatte

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Filippiinsitti ambaasaaddarri Ameerikaa sochii balaafamaa helikooptarri humna galaanaa Chaayinaa nageenya xiyyaara mootummaa Filiippiinsii galaana Kibba Chaayinaa bakka falmisiisaa ta’etti sakatta’aa ture balaaleffateera.

Roobii har’aa barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen, Ambaasaaddarri Ameerikaa Meeriikaay Kaarlsan gocha helikooptara Chaayinaa balaaleffachuun Beejiing “gocha dirqisiisaa irraa of qusachuu fi falmii isaa akkaataa seera addunyaatiin nagaan akka furattu” jechuun waamicha dhiyeesse.

Filippiins Kibxata galgala akka jettetti, tarkaanfii balalii “gadi fageenyaan kan jeeqame” ta’uu fi mormii dippilomaasii akka uumu ibsite.

Eegduun qarqara galaanaa Filippiins akka gabaasetti, helikooptarri Chaayinaa balalii hordoffii irraa meetira 3 keessatti garee gaazexeessitoota fe’atee balali’aa ture.

Xiyyaarichi ergama dooniiwwan Chaayinaa naannoo Iskaarboroo  Shoyaal dorgomaa jiran ilaaluuf gara meetira 213 balali’aa turetti  helikooptara galaanaatiin addaan cite.

Chaayinaan guutummaa Galaana Chaayinaa Kibbaa jechuun bifa danda’amuun abbummaan irratti qaba jechuun himachaa jiraachuun ni beekama.

Murtiin giddu-galeessaa bara 2016 himannaa bal’aa Chaayinaa kana kan kuffise ta’us, Beejiing garuu murtii kanaaf beekamtii hin kennine jechuun Aljazeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading