• Wed. Nov 25th, 2026

Gamtaan Awurooppaa anniisaa Siiriyaa, qoqqobbii geejjibaa dhaabuuf akka ta’e barame

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii Siiriyaa anniisaa, geejjibaa fi deebisanii ijaaruun walqabatee jiru dhaabuuf akka jiru wixineen labsii Rooyitars ilaale ni mul’isa.

Ministiroonni Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa walgahii Gurraandhala 24 Biraaselsitti taa’ame irratti dhimma Siiriyaa irratti mari’atu jedhamee eegama.

Gamtaan Awurooppaa namoota dhuunfaa fi damee dinagdee Siiriyaa irratti qoqqobbii adda addaa qaba. Hoggantoonni Awurooppaa Bashar al-Assad ji’a Muddee keessa humnoota finciltootaa “Hayat Tahrir al-Sham” (HTS) tiin durfamaniin erga aangoo irra bu’anii booda itti dhihaachuu jalqaban.

Ministiroonni Gamtaa Awurooppaa baatii Amajjii keessa qoqqobbii Siiriyaa irratti kaa’ame salphisuuf karoora daandii irratti walii galan garuu mariif bal’inaan dhiisaniiru.

Wixineen labsii haaraan kun akka ibsutti, Manni Maree Gamtaa Awurooppaa tarkaanfiiwwan daangessan hedduu “naannoowwan anniisaa, geejjibaa fi deebi’anii ijaaruun, akkasumas daldala faayinaansii fi baankii walqabatee jiru haala mijeessuuf” akka addaan kutu murteessee jira.

Gamtaan Awurooppaas gargaarsa namoomaa akka kennamu haala mijeessuuf yeroo hin murtoofneef bilisa namoomaa ni bal’isa jedha sanadichi.

“Akka qaama mala suuta suutaan fi tarkaanfii itti aanutti, Manni Marichaa tarkaanfiiwwan daangessan dabalataa addaan cituu danda’uu fi dhiisuu isaanii ni madaala,” jechuun, “Manni marichaa hordoffii dhiyeenyaa irratti hundaa’uun, ugguramuun sun sirrii ta’ee jiraachuu isaa kan haala biyyattii keessa jiru qorachuu itti fufa” jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply