• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa Baalee Lixaa Aanaa Gannaalee keessatti hidhamtoota irratti dararaa jabeessee jiraachuun dhaga’ame

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Sirni garboomfataan abbaa irree afaaniin badhaadhina leellisaa addatti immoo saba Oromoo irratti cunqursaa, hacuuccaa fi ba’aa gabrummaa gita hin qabneen ajjeesuu, saamuu, gudeeduu fi gochoota safuu hawaasaa cabsan guyyuu irratti rawaachaa jiru murni PP dararaa isaa kana kan yeroo kamiin olitti ummata irratti hammeessee jira.

Bulchitoonni magaalaa Roobee fi qajeelchitoonni godinaa waliigaluun ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf mana hiidhaa keessa jiran namoota murtii gurguddaa qabanii fi hanga sadarkaa gad-aanaatti jiran rakkoolee garaa garaa kanneen akka, beelaa, bishaan dhugaatii fi dhukkuboota addaa addaan dararaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Hidhamtoonni kunneenis yeroo garaa garaatti dhimma rakkoo isaaniif  gaaffii gaafataniif jecha ati seelii diinaati jedhamuun reebichi hamaan irratti geggeefamuun rakkoo ulfaataa keessa jiru kan jedhan maddeen keessoo Bilxiginnaa, abbootiin murtii fi abbootiin alangaa akka nama dhimma isaanii furuuf deemuutti haala rakkoo isaanii kaasuun oggaa isaan haasofsiisan isaanis dhugaa itti fakkaachuun yaada yeroo ibsatanitti hidhatoonni isaan eegan immoo galgala manaa baasuun tarkaanfii hadha’aa irratti fudhachaa jiru jechuun komii akka qaban maddeen eeraniiru.

Leave a Reply