• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi doorsisuu hammeessan

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa aanaa Baddannoo araddoota hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahanii saamicha hammeessuun, araddaa Raaree Jennataa jedhamu irraa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee beelaa fi hongeen miidhamaa jiru maqaa “Wajjira ganda ittiin tolchina” jedhuun qarshii 300 dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Aanaadhuma kana araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa immoo, lukkeeleen kunneen hawaasa waltajjii baasuun maqaa “nyaata milishaa” jedhuun midhaan qunnaa 15 hawaasni akka kaffaluuf hoggaa dirqamsiisan hawaasni didee mormus, dirqamaan akka kaffalaniif doorsisaa jiru.

Araddoota kana malees, araddoota aanichaa cufa keessaa jaleewwan Bilxiginnaa kunneen miindaa isaanii argachuuf maqaa gosa kaffaltii adda addaan saamicha irratti kan argaman ta’uun eeramee jira.

Leave a Reply