• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti uummanni sababa tokko malee hidhamee hiraarfamaa jiru beelaan miidhamuun dhaga’ame 

Feb 26, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa waajjira Poolisii aanichaatti namootni nagaan baay’inaan 568 ta’an hidhamanii dararamaa akka jiran odeessi keessoo sirnichaa bahe ni addeessa. 

Hidhamtoonni kunneenis turtii waggaa tokkoo fi walakkaa ol kan hidhaman namoota baay’inaan 430 ol ta’an oggaa ta’an, maatiin hidhamtoota kanneeniis mana hidhaa keessatti turtii hanga kanaa nyaata geessuufiin itti ulfaachuu irraan kan ka’e yeroo ammaa kana hidhamtoonni kunneen waan nyaatan dhabanii rakkoo hammaataa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Keessumattuu Gurrandhala 16, 2025 irraa kaasee sababa beelaatiin hidhamtoonni baay’inaan 17 ol ta’an  of wallaaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti haalli fayyummaa isaanii haalaan yaaddessaa ta’uun ibsameera. 

Leave a Reply