ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamu irraa Gurraandhala 19, 2025 bulchaan magaalichaa namni maqaan isaa Kamaal Hasan jedhamu dubartii maqaan ishee Aadde Aashaa Abdullaa Xaraqoo jedhamtu “gibira waggaa 16 fidi” jechuun gaafachuu isaa jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, dubartiin kun harka qalleettii waan nyaattee bultuuf yaaddoftuu fi gibira waggaa 16 osoo hin taane kan waggaa 1 illee kaffaluuf qarshii homaa of harkaa hin qabne, kan gargaarsa namoonni mana amantaa keessaa isheef godhaniin jiraattu ta’uu dubbatu.
Kana malees, bulchaan magaalichaa jaleewwan isaa qabatee gara mana ishee deemuun “hanga gibira jedhame kaffaltutti manni kee ni cufama” jechuun doorsisa irratti erga raawwateen booda mana jireenyaa ishee saamsuun keessaa ari’ee bakkeetti hambisuun isaa dabalataan ibsameera.


