• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti murni Bilxiginnaa boba’an osoo jiruu akka waan hin jireetti gurgursiisuu dhorkuun hawaasni rakkoo geejjibaan rakkachaa jiraachuun beekame

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Gurraandhala 23, 2025 hooggantoonni waajjira geejjibaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee boba’aan osoo jiruu wayita konkolaachistoonni bitachuuf bakkoota kuusaa boba’aa magaalattii cufa deemuun gaafatan, boba’aan hin jiru jedhanii dhorkachiisuun yeroo ammaa geejjibni dhibuu irraan kan ka’e gatiin geejjibaa akka malee ol ka’uudhaan hawaasni ba’ee galuuf rakkoo hamaa keessa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Magaalaa Naqamteetti irra deddeebiin hanqinni boba’aa kan mudatu ta’uu himuun, waajjirri geejjibaa fi daldalaa magaalaa Naqamtees dhiyeessii uummataa kanneen akka boba’aa fi kkf faayidaa dhuunfaa isaanii daldaltoota waliin waliigalanii argachuuf jecha gatii itti dabalanii gurgursiisuuf waan fedhaniif, osoo jiruu akka hin jirretti fakkeessuudhaan saamicha kallattii garaa garaan uummata irratti geggeessuu daran hammeessanii jiraachuus ONM’f eeranii jiru.

Boba’aan impaayerattii keessaa dhabamuun magaalota keessatti liitiriin tokko hanga qarshii 300 fi 400tti dhoksaan kan gurguramaa jiru yoo ta’u, waanti murteessaan kun hojjettoota Bilxiginnaaf madda galii fi saamtotaaf ammoo hojii kotorobaandii ykn daldala seeraan alaa ta’ee jira.

Leave a Reply