ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Murni Bilxiginnaa yeroo gara garaatti Sababoota hin beekamnee fi maqaa uummaticha hin ilaallanne itti maxxansuun yakkoota suukkanneessoo adda addaa kanneen akka ajjechaa, hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi kkf raawwataa oola.
Hawaasa mana isaa keessatti ajjeefamuu danda’ee jiraachaa jiru kana badiilee gurguddaa irratti raawwachuu itti fufuun akka nyaatee fi daldalatee hin bulleef gabaa illee akka hin baane dhorkaa jiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabalitti milishoonni gandichaa Waraana Bilisummaa Oromootu achirra socho’a jedhanii waan hawaasni hin qabneen yakkuun “isintu waraana of keessa qubsiisee nu ficcisiisuufi” jedhuun tajaajila geejjibaa irraa kutanii rakkoo hamaa keessa galchanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Milishoonni sirnichaa dantaa uummataaf dhimma hin qabne fi garaa isaanii guuttachuu qofaaf kan jiraatan daandii konkolaataa qabuun, akka konkolaataan tokko illee gandicha hin seenne ittisuu erga eegalanii torban sadii ol yoo ta’u, daldaltoonni gandichaa sababa geejjibni jalaa qabameef jecha hedduun isaanii hojii bittaa fi gurgurtaa waan dhaabaniif uummatni haala akkaan ulfaataa keessa jira.
Murni Bilxiginnaa marsanii beelessuu, qoricha dhorkatanii dhukkubsachiisuu fi quunnamtii addaan kutuun fala dhorkachuu akka tooftaa waraanaatti kan itti fayyadamu yoo ta’u, lola impaayerattii keessatti geggeeffamu muuxannoo balaaleffatamaa lammiileen hedduun itti du’an, gocha seenaan hin irraanfanne kan biyya Naayijeeriyaa Biyaafiraa keessatti raawwate fudhachuun miidhaa geessisaa jiraachuun ni beekama.

