ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Waraanni faashistii PP impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafamaa jirtu suphuuf bakka maratti bobbaafaman guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasanii bineensa sooruu itti fufanii jiru.
Aanaa Gimbii ganda Malkaa Gaassii jedhamu keessaa loltoonni maafiyaan PP Gurraandhala 22, 2025 halkan keessaa sa’a 4:00’tti dargaggoo maqaan isaa Lalisaa Taammanee Garbaa jedhamu badii tokko malee manaa ukkaamsuun iddoo addaa Wacaa jedhamutti geessanii rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Wasiila isaa kan ta’e Tsaggaayee Garbaa nama jedhamus halkanuma sana fuudhanii deemuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen isaa hin baramin jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon loltoota sirnichaan ajjeefamee fi wasiilli isaa achi buuteen isaa dhabame kunneen hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuu malee siyaasa kam illee kan hin hordofne yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa “WBO deggertu” jedhu itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa kana irratti raawwachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.





