• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa fi Dawwee Harawaatti ergamtoota maafiyaa PP’n hidhaa, reebichaa fi gubaatiin manneenii raawwatame

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Gurraandhala 22, 2025 godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Hijirootaa Xallahaa jedhamu keessatti milishoonni sirnichaa jiraataa gandichaa nama maqaan isaa Obbo Nuuraa  Ahimed Sheekichaa jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa 3 kan ilmaan isaa dabalatee ibidda itti shiduun akka barbadeessan maddeen eeran.

Aanichuma ganda Tsigee (Xiggee) jedhamuun beekamuttis yeroo wal fakkaataatti Gurraandhala 22, 2025 milishoonni sirnichaa gantoota qabsoo Bilisummaa Oromoo gananii galan of dura buusuun gandichatti bobba’anii qonnaan bultoota baay’inaan 30 ol ta’an mana isaaniitti marsanii qabuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii qabuun hidhaatti darbataniiru.

Qonnaan bultoota kanneen keessaa kanneen maqaa arganne muraasni:

  1. Indiris Ahimed, 
  2. Abdulqaadir Sa’idee,
  3. Suwaalii Yaassin,
  4. Aliyyii Yusuuf,
  5. Huseen Addaamee,
  6. Sayid Mahaammad, 
  7. Huseen Indiris, 
  8. Ahimed Huseen (Abbaa Jamaalee),
  9. Aliyyii Ahimed,
  10. Miskuu Abduu fi
  11. Zamzam Huseen kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Oduu biraatiin ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Manduubootti hidhattootni sirnichaa Gurraandhala 21, 2025 Obbo Umar Lissoo jalaa mana 2 mi’a mana keessaa cufa waliin jalaa gubanii barbadeessuu maddeen gabaasuun, kana duras maatii kanneen jalaa bulchaan gandichaa midhaan ooyiruu irraa akkuma galfataniin jalaa fe’atee mana isaatti galfachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply