ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Guyyaa dhufee darbuun qe’ee ilmaan Oromootti gadda uwwisaa kan oolu murni Bilxiginnaa gochoota hammeenyaa isaa kana ittuma fufuun guutuu Oromiyaa keessatti goolessitoota waraana isaa uummatatti duulchisuun gadda manneen hawaasaatti uwwisaa oola.
Aanaa Ciroo Araddaa Luugoo Baacessaa keessatti Gurraandhala 23, 2025 namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii Naasir Saanii fi Abdurroo Jamaal jedhaman tiksitoonni imaapaayerattii balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsuun kan galaafatan oggaa ta’u, namoonni ajjeefaman kunneenis hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’uu fi Oromummaa isaanii qofaan jibbamuun akka ajjeefaman maddeen ONM’tti himan.
Gara jabeeyyiin ergamtoota murna PP dabaa fi hammina malee gaarummaa tokko saba irraa dhalataniif yaadanii hin beekne teessoo barcuma koloneel Abiy Ahimed qofa tiksuuf jecha saba guddicha gaanfa Afriikaa uummata Oromoo hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa irraan ga’uun jiruu fi jireenya itti hadheessaa jiraachuu maddeen itti dabaluun gabaasaniiru.



