• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni Amaaraa uffata siiviilii uffachuun kutaa barattoonni Oromoo itti baratan seenaa jiraachuun himame

Feb 28, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Hidhattoonni Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban mul’isuuf murna Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo meeshaa waraanaa tokkollee manaa hin qabne, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, saamuu, achi buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiru. 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Dargee Kootichaa keessatti kan argamu mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Dargee Kootichaa jedhamu keessatti hidhattoonni Amaaraa uffata siiviilii uffachuun daree barattoonni Oromoo keessatti barataa jiran seenanii barataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Hidhattoonni kunneen yeroo hunda osoo hin taane, darbanii darbanii uffata waraanaa, meeshaa fi hidhannoo lafa kaa’uun gaaffii tokko malee akkuma barattootaatti daree seenuun taa’anii kan baratan waan ta’eef, barattoota, barsiisotaa fi maatiin barattootaa sodaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun himanii jiru. 

Manni barumsaa kun barattoota 300 olii fi barsiisota 13 kan qabu yoo ta’u, finxaaleeyyiin kunneen yeroo hin beekamnee fi dhaabbataa hin taanetti miliqanii waan dhufaniif baruu fi barsiisuu irratti rakkoo ulfaataan isaan mudataa jiraachuun ibsameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading