ONM-ABO Gurraandhala 26,2025 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir bakka addaa Gaabii jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa Gurraandhala 23, 2025 haleellaa waraanni bilisummaa Oromoo irratti bane rifachuun namoota maqaan isaanii:
- Yaaqob Luuccaa,
- Luuccaa Badhaasaa fi
- Tigistuu Waadhiisaa jedhaman
jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda waliin gubanii barbadeessuun haaloo itti ba’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu biraatiin immoo, godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa adda addaa itti maxxansuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Akkasumas, ganda Waliigaltee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa kunneen namoota maqaan isaanii; Garramuu Baayisaa fi Gannat Biraanuu jedhaman Gurraandhala 17, 2025 badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaa fi maatii qabsaa’otaatti deebi’uun haaloo isaanii ba’aa kan jiran yoo ta’u, saamicha, gubaatii manneenii, hidhaa fi ajjeechaan hiraarsuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.


