• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchaan magaalaa Buraayyuu baatii tokko keessatti manneen 2000 akka diigaman yoo himu, achuma magaalattii keessatti namootni manneen keenya nu irratti hin diigamu jedhan hiriira ba’an

Mar 1, 2025

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Murni bu’aa siyaasaa fi goyyomsaa miidiyaaf maqaa magaalaa misoomsinaan awwaalli fi manneen amantii osoo hin hafne diigu, Shaggar Siitii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen 2000 baatii tokkotti diiguuf karoorfachuun barame.

Bulchaan magaalaa Buraayyuu Obbo Baqqalee Dachaasaa waltajjii Roobii darbe Gurraandhala 26, 2025 uummata dirqiin waltajjii waamuun Kaabinee isaanii hirmaachisuun taa’aniin manneen kun hundi gaaffii tokko malee maqaa ijaarsa seeraan alaan akka diigaman kan akeekkachiisan yoo ta’u, namoota didan irratti qaamoleen hidhattootaa tarkaanfii akka fudhatan ibsaniiru.

Kutaalee magaalichaa fi gandootatti xalayaan diigumsa manneenii Kamisa dheengaddaa qaqqabuun guyyaa kaleessaa diigumsa eegalanii jiru.

Gareen hidhattoota Bilxiginnaa, hojjettoota bulchiinsa magaalaa fi gandaa hirmaachise kun guyyaa kaleessaa naannoo Gafarsaa bakka Coorrisaa Mikaa’el jedhamu irraa manneen lama diiganii jiru.

Namoota manneen jalaa diigame keessaa tokko Dr. Abdiisaa Tufaa yoo ta’u, ogeessa fayyaa Hospitaala Xuqur Ambessaa akka ta’e barameera. Magaaluma kana keessatti ogeessa miindaa xiqqaa mootummaan kaffaluuf kan qaala’iinsi jireenya itti ulfeesse irraa qusatee ijaarrate marsaa 2 diiguu namootni itti dhiheenyaan beekan ibsaniiru. 

Kun kanaan osoo jiruu tarkaanfiin diiggaa manneenii kun jiraattota magaalaa Buraayyuu ganda Aannee Diimaan guyyaadhuma kaleessaa mormamee ture. Jiraattotni kun manni keenya nu irratti hin diigamu jechuun hiriira ba’anii sagalee dhageessifachaa kan turan yoo ta’u, humni Bilxiginnaa hidhannoon socho’an hiriira kana uleen tamsaasuun manatti galchanii jiru.

Diiggaan manneenii kun hojjettoota Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu hanga garee fi gooxiitti madda galii kan ta’eef yoo ta’u, mana kee irra ni dabarsina jechuun hawaasa irraa maallaqa guuraa jiru. Keessumaa manneen namoota maallaqa qabanii fi gatii fooyya’aa lukkeelee Bilxiginnaa kanaaf kaffalan bira yoo darban kan hawaasa kaffaluufii  hin dandeenye ykn xiqqaa kaffalaniif ammoo maallaqas irraa fudhatanii diigaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading