• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuutti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jedhuun ergamtoonni Bilxiginnaa bosona ibiddaan gubuu itti fufan

Mar 1, 2025

ONM-ABO Guraandhala 28, 2025 

Murni garboomfataan PP, ija addunyaa duratti jaallatamummaa fi beekamtii argachuuf jecha waqtii gannaa maqaa ashaaraa magariisa jedhuun miidiyaalee isaa hunda of dura qabuun kutaalee impaayerattii cufa keessatti uummataan dirqama biqiltuu dhaabaa jechuun kan dararu yoo ta’u, faallaa kanaa ammoo waqtii bonaa WBO’tu keessa jiraata jechuun gubanii mancaasaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Gurraandhala 21, 2025 aanaa Jajuu gandoota baadiyyaa kanneen akka: 

  • Gurree Xabinoo fi 
  • Angodachee Ulaa bakkeewwan addaa Saqaa fi Qilee Jaarsaa jedhamuun 

waamaman keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jedhuun waraanni faashistii Abiy Ahimed bosona naannichaatti ibidda shiduun biqilootaa fi bineensota akkasumas, qabeenya uummataa mancaasaa kan jiran yoo ta’u, ibiddi kunis hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’etti hin dhaamin jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas, godina Arsii dabalatee goleewwan Oromiyaa bakkeewwan addaa addaatti sababuma wal fakkaatuun ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen bosona ibiddaan mancaasaa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading