ONM-ABO Bitootessa 1, 2025
Aanaa Dugdaa ganda Gamoo Daraaraa jedhamu irraa Gurraandhala 26, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa abbaa maatii 3 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Waarii jedhamu badii tokko malee mana isaatii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, Obbo Waariin nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhu itti maxxansanii ajjeesuu dabaluun ibsameera.
Itti gaafatamummaa jalaa bahuuf holola filannoo godhachuun namoota nagaa ajjeesanii kan itti qoosan waraanni garboomfataan PP, uummata nagaa erga ajjeesanii booda gammadanii dhaadannoon dhiichisaa boodarra qaamolee birootu ajjeese jechuun dubbachuun baratamee jira














