• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti hanqina boba’aa mudateen wal qabatee naannoo kuusaa boba’aatti balaa Tiraafikaa uumameen miidhaan qabeenyaa raawwate

Mar 1, 2025

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Magaalaa Mattuu naannoo maqa Coggii jedhamutti kuusaan boba’aa argamu hanqina dhiyeessii boba’aa isa mudateen Gurraandhala 26, 2025 konkolaataa hedduun boba’aa guuttachuuf bakkicha dabaree qabatanii osoo dhaabbachaa jiranii konkolaataan OBAMA jedhamuun beekamu konkolaataa deddeebisaan uummataa tokko bakka inni dhaabbatee jirutti itti rukutamuun miidhaa ulfaataa qaqqabsiisee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, akka magaalaa Mattuutti boba’aan kuusaa keessa jiru illee seeraan kennamaa kan hin jirree fi sanuu abbootiin kuusaa qarshii dachaan itti dabaluun halkan dhoksaadhaan waraabanii gurgurachuu irraan kan ka’e uummanni hedduu gama geejjibaan rakkachaa jiraachuun beekamee jira.

Boba’aan Litiriin tokko kan duraan kaffaltii seeraa qarshii 180 ture yeroo ammaa kana ammoo seeraan ala qarshii 300-400’tti gurguramaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply