ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Tibbana bakkeewwan garaa garaatti waraana Bilxiginnaan bosonni gubachuun itti fufuun godina Booranaa aanaa Dirree ganda Gololchaatti kan argamu Baddaan Gaamaduu ibidda karaa sadiin waraana Bilxiginnaan itti shidameen Gurraandhala 25, 2025 irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti gubachaa jiraachuun ibsameera.
Ibiddii kunis karaalee akka;
- 1. Booyee Adaaddoo,
- 2. Gubbaa Maakulaa fi
- 3. Baddaa Qa’a Garba Ka’a Eela Duba Booraatti gubachaa kan jiru yoo ta’u,
lubbuu beeyladootaa fi bineensotaa irras gaaga’amni ga’aa akka jirus dabalataan ibsameera.
Akkuma yeroo dheeraaf gabaasaa jirru bosonni Oromiyaa bifa qindaawwaan loltoota Bilxiginnaan gubachuu erga eegalee baatii lakkoofsisaa jiraachuu ONM gabaasaalee guyyaa guyyaan isiniif dhiyeessaa jiraachuun ni yaadatama.

