ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Oromiyaa keessatti walitti bu’insi humnoota murna garboomfataa PP fi WBO gidduutti erga jalqabamee kan bubbule ta’us, qabsoo bilisummaa sabichaaf WBO’n taasisu fashaleessuuf gareen leellistoota Minilik daboo jal’inaa humnoota waraanaa Kaaba impaayerattii naannoo Amaaraa irraa kadhateen qe’een saba Oromoo saamamuu fi namoonni nagaan ajjeefamuun jabaatee itti fufee jira.
Finxaaleeyyiin Amaaraa aanaa Amuruu ganda Siiddan Barkallee jedhamu keessa mandheeffachuun hawaasa Oromoo gandicha keessa jiraatan irratti gara jabinaan miidhaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, bakka addaa Kumboo jedhamu irraa Gurraandhala 23, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Quucee Fiqaaduu fi
- Bushaa Dhaabaa jedhaman
harka duubatti hidhuun garmalee tumanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, ganduma kana bakka addaa Gobeessoo jedhamu irraas guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Asaffaa Dirribsaa fi
- Lammeessaa Goobanaa jedhaman
bifuma walfakkaatuun harka duubatti hidhanii reebicha hamaa irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Dabalataanis bakka addaa Jirruu jedhamutti Gurraandhala 24, 2025 hidhattoonni Faannoo halkan keessaa naannoo sa’atii 7:00’tti nama maqaan isaa:
- Obbo Raggaasaa Nagaasaa jedhamuu fi
- obboleettii isaa Aadde Yashii Raggaasaa jalaa horii 25 yoo ooffatan
hawaasaa fi dargaggoon waliin ta’uun harkaa baafatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees Gurraandhala 22, 2025 ganduma kana irraa hawaasa Oromoo jalaa buna hektaara tokkotti tilmaamamu abiddaan barbadeessanii jiraachuunis ifoomeera.




