ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo jedhamu irraa torban lamaan darbe ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Mahaammad Moosisaa jedhamu humnaan qabanii waraanummaa leenjisuuf oggaa jedhan, innis maatii fi qe’ee isaa dhiisee baqachuun wayita ammaa kana maatiin isaa nama hojjetee isaan bulchu dhabanii jiruu gadadoo saaxilamanii rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu hidhaatiin ammoo aanichuma ganda Imbooroo jedhamu keessaa “misooma gandaa ba’uu didde” jechuun nama maqaan isaa Gannatii Fufaa jedhamu Gurraandhala 20, 2025 loltoonni Bilxiginnaa reebicha hamaa erga irratti raawwatanii booda, konkolaataa yaabsisanii fuudhanii deemuun waajjira poolisii magaalaa Daarimuutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuun barameera.
Kana malees, aanichuma ganda Eeffarsii jedhamu keessatti ammoo saamicha hammeessuun, nama tokko irraa buna kubbaayyaa 30 fi boqqolloo kubbaayyaa 10 dirqamaan walitti qabachaa kan jiran yoo ta’u, haadha hiyyeessaa waan kennitu hin qabne ammoo milishoota itti bobbaasanii qabsiisuun waajjira gandaatti hidhanii qarshii 200-300 kaffalchiisuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.




