ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Ajjeechaa suukkanneessaan caamsaa 2021 dargaggoo Amaanu’eel Wandimmuu irratti godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa Magaalaa Dambii Dollootti raawwatame irra deebiin raawwatamuun, Kibxata Kaleessaa Gurraandhala 25, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti dargaggeessi tokko osoo lubbuun keessa jiruu konkolaataatti hidhamuun lafarra harkifamee lubbuun darbuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Dargaggeessi ajjeefame kun maqaan isaa Amaanu’eel Goobanaa Saattaa jedhama. Jiraataa aanaa Baabboo Gambeel ganda Warra-Jirruu Baarkoo bakka addaa Biiruu yoo ta’u, dargaggoon kun maatii isaa biraa loltoota faashistii PP’n butamuun yeroo dheeraaf bulchiinsa magaalichaatti reebicha ulfaataan dararamaa erga tureen booda konkolaataa waraanaa 3F’tti hidhamee lafa irra harkifamee ajjeefamuun beekameera.
Oromoon erga Abiy Ahimed aangootti dhufee ijoollee isaa qaqqaalii Haacaaluu Hundeessaa, Battee Urgeessaa, abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas, barsiisaa, barataa, qonnaan bulaa fi kkf sababa Oromummaa isaaniin bara ijoollee abbaa gadaa ofiin jedhan keessa haala suukkanneessaan ajjeefamuun ni yaadatama.

