• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti loltoonni Abiy Ahimed hawaasa nagaa irratti meeshaa dhukaasanii qabuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni sirna moofaa deebisanii suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan loltoonni Bilxiginnaa, irra deddeebiin jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuranii leenjii gabaabaa kennuufiin bobbaasanii ittiin uummata Oromoo dararaa jiru.

Aanaa Sayyoo ganda Ifa Galaanoo jedhamu irraa Gurraandhala 25, 2025 loltoonni Koloneel Abiy Ahimed maqaa leenjii waraanaa jedhuun gandicha keessatti dhukaasa banuun jiraattonni hedduun fiiganii oggaa harkaa miliqan, daa’imman waggaa 15 gadii kanneen umuriin isaanii waraanummaa leenji’uuf hin geenye:

  1. Ayyaanaa Tamee fi 
  2. Ayyaanaa Yohaannis kanneen jedhaman 

qabanii deemuun gara mooraa leenjiitti dabarsanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni dubbisne dabaluun himanitti, ergamtoonni sirnichaa kunneen guyyaa kana ganama barii obboroon osoo hawaasni hirriba irraa ka’ee ciree illee hin nyaatin gandichatti marsanii dhukaasa banuu himuun, sababa kanaanis jiraattonni gandichaa dhimmi isaan armaan dura yaadda’aa turan osoo itti hin yaadin ganamaan waan isaan mudateef, akka malee rifachuun bosonatti baqatanii kan oolan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading