• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamisee dabalatee aanota cufatti murni Bilxiginnaa WBO’tti duultu maqaa jedhuun hawaasa hiraarsuu hammeesse

Mar 1, 2025

ONM-ABO Guraandhala 28, 2025 

Of-tuultonni faashistii PP Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dhiyootti balleessinaa fi funaanaa jirraan abjuu isaanii waggoota dheeraa ta’us, ciminaa fi tarkaanfii WBO’n humnoota isaanii irratti fudhachaa jiruun abdii kutannaa keessa seenanii kan jiran tibbana ammoo godina Walloo aanaalee garaa garaatti Gurraandhala 16, 2025 irraa eegaluun bifa haarawaan hawaasa dirqiin duulchisaa akka jiran ONM odeeffateera.

Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, aanaa Daawaa Caffaa, aanaa Harxummaa Fursee, Dawwee Harawaa, aanaa Jiille Dhummuuggaa fi aanaa Baatee irraa uummanni maqaa sakattaa WBO’tiin dirqamsiifamanii guuramaa kan jiran oggaa ta’u, murni humnoota waraanaa kutaalee adda addaa bobbaasuun milkii dhabee jira. Duulli amma inni hawaasa waliin gochaa jirus of goyyomsuu yoo ta’e malee dhiibbaa WBO irratti akka hin qabnes jiraattonni dirqamichaaf bobbaafamaa jiran ONM’f eeraniiru.

Jiraattonni kun akka jedhanitti murni Bilxiginnaa bakka hojii idilee keenyaa irraa  dirqiin nu ukkaamsee lola nun ilaallannetti nu hirmaachisuun isaa kunis yaada Oromoon Oromoo cabsuu danda’a kan jedhu qabataniiti jechuun himan.

Dabalataan wayita nuti kan loluu qabnu WBO osoo hin taane kan nu fixaa jiru Faannoodha isaan lolla jennee itti dubbannu lukkeeleen Bilxiginnaa kun yaada keenya kuffisuun, WBO loluudhaaf kan meeshaa qabdu hidhadhuu ka’i! kan hin qabne ammoo waan qabdu gurgurii meeshaa bitadhu, kun mirga qofaa miti dirqama, qawwee miti, akkaataa qabeenyaa keessaniin ilaallee PKM fi Isnaayippera bittu jechuun fedhii fi kaka’umsa hawaasaa malee dirqamsiisaa jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading