• Tue. Jan 13th, 2026

Hooggantuun Ejensii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii buqqa’iinsa Gaazaa keessatti ‘nama kamiyyuu keessatti hin hirmaatu’ jedhan

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Dhaabbanni godaansaa idil-addunyaa qaamni “dirqisiisaa gosa kamiyyuu” lammiilee Falasxiin Gaazaa keessaa baasuu hin ta’u jedhan daayreektarri dhaabbata UN, Emii Poop, Kibxata darbe AFP’tti himaniiru.

Buqqa’iinsi akkanaa kamiyyuu mootummoota naannichaaf “sarara diimaa” ta’a jedhan Poop, erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Gaazaa waraanaan bututte dhuunfachuu fi jiraattota Falasxiin miliyoona lamaa ol ta’an buqqaasuuf yaada dhiyeessaniin booda.

“Hawaasa nuti kutannoo qabnu ni agarsiisna, sochii dirqiin baay’ina ummataa ykn namoota buqqisu kamiyyuu keessatti hin hirmaannu,” jedhan Poopi. 

Yaadni Tiraamp Gaazaa gara “bakka mijataa Baha Giddu Galeessaa”tti ijaaruuf dhiyeessan, qeeqamaa jira.

“Akkuma yeroo ammaa argaa jirru, (buqqa’iinsi Falasxiinotaa) mootummaa Joordaan fi Masrii lamaaniif sarara diimaa ta’ee jira,” jechuun ibsan.

Tilmaamni UN baasii deebisanii ijaaruu Gaazaaf qabe doolaara biiliyoona 53 ol ta’a.

Amajjii 19 irraa eegalee dhukaasni dadhabaan hojii irra jiru gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti akka dabalu kan taasise yoo ta’u, Haamas Israa’el dhiyeessii barbaachisoo tokko tokko akka hin seenne gooteetti jechuun himachuu isaa AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading