ONM-ABO Bitootessa 2, 2025
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti maatiin qabsaa’otaa maqaa “ilmaan keessan bosonaa nu lolaa jiru, isin ammoo galchuu hin dandeenye” jedhuun namoonni 22 baatii sadiif hidhamanii gidirfamaa jiraachuun ibsameera.
Namoota hidhamanii jiran keessaa muraasni maqaan isaanii:
1. Obbo suutumaa Bulaa maanguddoo umurii 75,
2. Obbo Darajjee suutumaa,
3. Gammachuu Suutumaa,
4. Wangeeluu Darajjee barataa kutaa 9ffaa,
5. Jiraataa Nagaraa ijoollee isaa 3 fi haadha manaa isaa waliin kan hidhamanii jiran,
6. Gaaddisee Baqqalaa,
7. Ifireem Jiraataa,
8. Minaasee Jiraataa,
9. Biniyaam Jiraataa,
10. Obbo Guuttataa Tarfaa fi kanneen biroon aanaa Daaboo Haannaatti hidhamuun gidirfamaa jiraachuun ibsameera.
Impaayerattii keessatti seenaa fokkisaan adda addaa raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, gochi kun hammaachuun maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti jedhuun abbaa fi haati bakka tokkotti gorraa’amanii qalamaa fi dhaloonni ol adeemoon hidhaa waggoottan lamaa fi isaa ol hidhamuun qorqalbiin miidhamuun haalaan jabaatee jira.



