• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu akkaan cimsanii itti fufan

Mar 3, 2025

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025  

Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen egeree isaaf sodaa guddaa keessa kan seene Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu sababa qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisaa jira.

Aanaa Suudee bakkeewwan addaa addaatti jaleewwan Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayera Itiyoophiyaa mudate sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii irratti maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamicha ulfaataa raawwatan ittuma fufuun, wayita ammaa kanas magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti kaffaltii eegumsa halkanii jechuun milishootaaf qarshii dhibba shan shan dirqamaan kaffalchiisaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu kun irra deddeebiin kaffaltii nagahee hin qabneen saamamaa jiraachuu irraan kan ka’e, jiruu fi jireenyi isaa akka malee golgolaa’uun waan kaffalu of harkaa dhabee mana hidhaatti guuramee hiraarfamaa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply