ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Afaaniin akka waan Oromoof bu’aa buuseetti lakkaawwachaa, hojiin isaa immoo qabatamaan lafarra kan hin jirre murni gabroomfataa impaayerattii, jaleewwan isaa hunda gubbaa hanga gadiitti bobbaasuun hawaasa hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Aanaa Sibuu Siree ganda Hagaloo Tuulamaa jedhamutti maqaa adda addaa hawaasa nagaatti maxxansuun yakkanii hiraarsuu amaleeffatan nama siyaasa tokko keessa hin jirre kan maqaan isaa Gammachiis Baqqalaa jedhamu gaafa Guraandhala 27, 2025 badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduu biraatiin ammoo Aanaa Waayyuu Tuqaa guutummaa ishee keessaa jiraattota gara magaalaa deeman karaa irra dhaabbatanii eeguun erga ukkaamsanii booda, maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun yoo xiqqaate hanga qarshii 10,000’tti saamaa kan jiran ta’uun, hawaasni akka itti magaalaa aanichaa Guutee jedhamtu dhaqee galu dhabee rakkataa jiraachuu gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

