• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaatitti murni Bilxiginnaa bosona Jibaat ibiddaan mancaasaa jiraachuun dhaga’ame

Mar 3, 2025

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025 

Mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed Itiyoophiyaa raafamtee kufuuf jettu kana deebisee utubuuf dhimmi namummaa fi madaalliin uumamaa kan isatti hin dhaga’amne qixa hundaan gochoota farra namoomaa raawwachuu hammeessee jira.

Bifuma kanaan Bitootessa 1, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Jibaatitti kan argamu bosona Jibaatitti waraanni sirnicha suphuuf ifaajan ibidda itti qabsiisuun gubee barbadeessaa jiraachuu jiraattonni naannichaa ONM’tti himanii jiru.

Gubaatiin bosona kanaaf sababni Waraana Bilisummaa Oromootti keessa gala kan jedhu yoo ta’u, murninganna ganna biqilaan dhaaba jedhee uummata addunyaa goyomsuu  garuu isa dhaabbatee jiru iyyuu gubaa jira.

Murni hammeenyaan guutame kun aangoo siyaasaa ofii tursiifachuuf jecha madaallii uumamaa jeequun ga’umsaa qabaachuu osoo hin taane, wal’aalummaa, doofummaa fi dadhabina sirnichaa nama hubachiisa kan jedhan jiraattonni haalli tibba kana guutuu Oromiyaatti bosona uumamaa irra ga’aa jiru jijjiirama naannootiif yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply