ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessatti loltoonni faashistii PP guyyuun lubbuu ilmaan Oromoo rasaasaan akka baala mukaatti harcaasuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Galaanaa ganda Dangoo jedhamu irraa Gurraandhala 23, 2025 waraanni faashistii PP dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii; Wuddeessaa Jiloo fi Roobaa Jiloo jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun gara bosonaa geessanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoonni kunneen obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo ta’uu himuun, isaanis siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun haala nama gaddisiisuun kan ajjeefaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

