ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Yukireen Ameerikaa waliin waliigaltee albuudaa mallatteessuuf qophii ta’uu pirezidaantiin Yukireen Volodyaamer Zelenskiin Dilbata kaleessa miidiyaa UKtti himaniiru.
“Waliigaltee minjaala irra jiru yoo gareewwan qophaa’an ni mallattaa’a,” jechuun walgahii Landanitti gaggeeffameen miidiyaa UK’f ibsan.
Waldhabdee Yukireen keessatti uumame dhaabuuf tarkaanfii ta’uu qaba jedhamee yaadamu kun Jimaata darbe waldhabdee prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin booda kufeera.
“Wanta yeroo darbee ta’e itti fufuun imaammata keenya, ijaarsa qabna,” jedhee Zelenskiin dubbachuu isaa BBCn ibseera.
“Waliigaltee Albuudaa mallatteessuuf yoo waliigalle mallatteessuuf qophiidha.”
Zelenskiin Jimaata darbe daawwannaa Waayit Haawus guutuuf gara Waashingitan imaluun waliigaltee Ameerikaa fi Yukireen qabeenya albuudaa bal’aa Yukireen waliin fayyadamuudhaaf mallatteessuuf ture, akka qaama waliigaltee nagaa Ameerikaan Yukireeniif dhiyeessituuti.
Hoogganaan Ameerikaa kanaan dura walii galteen albuudaa yaadame kun “baay’ee haqa qabeessa” ta’a jedhanii turan.
Michoonni Yukireen Dilbata darbe walgahii muummichi ministeeraa UK Keeyir Istaarmer qopheesse irratti hooggantootni Awurooppaa Zelenskii waliin hiriiruun nageenya irratti baasii dabalataa baasuu fi tumsa araara kamiyyuu taasisuuf waadaa galan jedhan.
Prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon walgahii Landan irraa deebi’anii, ibsa gaazexaa taasisaniin akka jedhanitti, Faransaayii fi Biriteen Raashiyaa waliin ji’a tokkoof gartokkeen wal waraansi akka dhaabbatuuf yaada dhiyeessu akka barbaadan AFP’n gabaaseera.


