• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti hidhaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti taasifamu cimee itti fufe 

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Uggee jedhamuun beekamutti Gurraandhala 20, 2025 dargaggoo maqaan isaa Shukurii Fayisaa jedhamu badii tokko malee qabanii hanga gabaasni kun qindaa’etti waajjira poolisii aanichaatti dararaa jiru.

Sababa dargaggoon kun badii isaa malee qabamee dararamaa jiruuf ammoo  poolisootni faashistii PP dargaggoo Dassee Abbabaa jedhamu sababa tokko malee mana maatii isaatii qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii erga dararaa turanii booda jalqaba baatii Amajjii keesssa ajjeesanii reeffa isaa konkolaataa poolisiitiin gara mana maatiitti yeroo fidan hokkora gandicha keessatti ka’een akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Hokkora mucaa keenya nagaa manaa fuutanii du’aa nutti fidduu jedhuun uumameen daawwitiin konkolaataa dhagaan caccabuu irraan akka ta’e barameera.

Gareen badii isaaniin namoota nagaa yakkan Bilxiginnaan konkolaataa isaanii hawaasni itti yaa’ee cabse kana erga bubbulanii dargaggoo Shukuriin situ caccabse jechuun hidhanii mirga wabii eeguufii dhiisuun mana hidhaatti hiraarsaa jiru.

Maatii dhaqee dubbisuunis ilma keessan baafachuu barbaannaan qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) nuuf kaffalaa jechuun haqa/murtii maallaqaan bitachuun dirqii akka ta’e itti himanii galchuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading