• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa ukkaamsuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo cufa akkuma barbaadanitti dhiitanii bulchuuf kan ifaajan, karoorri isaanii yeroo harkatti fashalaa’u dararaa hamaa raawwatan jabeessanii jiru.

Aanaa Hawwii Guddinaa magaalaa Ibsaa jedhamutti Gurraandhala 27, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Caaltuu Bushraa,
  2. Najaatee Ahimad,
  3. Nahiimaa Amiinii fi
  4. Obbo Ahimad Siraaj 

kanneen jedhaman yakkanii ukkaamsuun reebicha ulfaataa qaama laalessu erga irratti raawwatanii booda, hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti Obbo Ahimad abbaa ijoollee 10  yoo ta’u, Najaateen intala isaa fi Nahiimaan haadha manaa isaa akka taate himuun, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa tokkoo fi badii tokko osoo hin qabaatin kan hidhaman ta’uun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading