• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti waraanni faashistii PP jiraattota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Ergamtoonni garaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni faashistii PP kutaalee Oromiyaa cufa keessaa haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Qoree Qookir jedhamu irraa Gurraandhala 19, 2025 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Barii Oljirraa Roorroo jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun gochi dabaan kun irratti raawwatamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading