• Fri. Mar 13th, 2026

Milishoota sirnichaan Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaatti hidhaa fi reebichi yoo raawwatamu, Aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Sanbateetti saamichi jiraattota irratti geggeeffamu hammaate

Mar 5, 2025

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Gurraandhala 25, 2025 aanaa Daawaa Caffaa ganda Mata Horootti milishaan sirnichaa tokko dargaggoo maqaan isaa Nuuruu Ahimed Nuuruu jedhamu maqaa hidhata WBO qabdaa fi lakkoofsa bilbila koo WBO’f laatte jedhuun sobaan yakkee gantoota moonaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa gananii galan dirqiin ragaa itti baassisuun dargaggoo kana garmalee reebanii magaalaa Kamiseetti hidhanii dararaa jiraachuu fi dargaggoo kana ammaan duras sobaan yakkanii magaalaa Kamiseetti reebicha suukkanneessaa irratti raawwatanii turan. 

Oduu saamichaatiin ammoo godinichuma aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti akkuma armaan dura irra deddeebiin gabaasaa turre caasaaleen Bilxiginnaa yeroo ammaas maqaa gibiraa mana jireenyaa fi dukkaanaa jedhuun afaan qawween sodaachisanii tokko tokkoon namootaa irraa gad-aanaa qarshii 1,800 ol aanaa ammoo qarshii 10,000 irraa fudhachaa jiraachuun himameera.

Dabalataan magaalichumatti lukkeeleen murna faashistii PP kunneen guyyaa gabaa wayita namoonni gaala, loon, re’ee fi hoolaa gabaa baafatan gatii kottee jechuun kan duraa caalmaatti kaffaltii isaa ol guddisanii qarshii humnaa olii jiraattota harkaa saamaa jiraachuu jiraattotni aanaa Jiille Dhummuuggaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading