ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti Bitootessa 4, 2025 ganda Badhaasa Dhidheessaa jedhamutti waraanni Bilxiginnaa gocha suukkanneessaa hangana hin jedhamne jiraattota irratti raawwachuun, badii tokko malee manneen uummataatti ibidda shiduun gubanii barbadeessaa jiru.
Namoota manni isaanii jalaa gubate keessaa kan maqaan nu qaqqabe:
- Obbo Kaffaalaa Dirribaa mana isaanii jalaa gubuun hoolota 5, sangaa 1 fi harree 1
qabeenya isaa kaan jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees aanichuma keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan” jedhuun namoonni nagaan qabamanii Mana hidhaatti gidirfamaa kan jiran yoo ta’u, namoonni kunneen kan maqaan isaanii nu qaqqabe:
- Dingataa Tamasgeen,
- Addisuu Tafarii,
- Gammadaa,
- Dabalaa Mitikkuu,
- Farajaa Caalii,
- Gammee Farajaa,
- Wandimmuu Alamaayyoo fi
- Darajee Dirribaa kanneen jedhaman
addatti sababa sobaa maqaa WBO nyaachistan jedhu Itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Murni garboomfataan Itiyoophiyaa kan saamicha lammiilee nagaa irratti taasisuun of ijaare, guyyoota dhufee darbuun gochoota hammeenyaa Ittuma fufuun uummata Oromoo boochisaa oola.

