• Tue. Nov 24th, 2026

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmer Puutiin, haasaa pirezidaantii Faransaay Maakroon booda, namoonni tokko tokko hiree Naapooliyooniin qaqqabe ni dagatu jechuun dubbatan

Mar 7, 2025

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Raashiyaan Awurooppaaf balaa ta’uu ishee ibsuun biyyoota Awurooppaa biroo gaaddisa niwukilaraa Faransaay jala galchuuf yaada erga kaasanii guyyaa tokko booda haasawa taasisaniin, namoonni tokko tokko waan Naapooliyooniin mudate dagataniiru jechuun Kamisa kaleessaa dubbataniiru.

Puutiin kan eeru mootii Faransaay bara 1812tti waraana isaa Raashiyaa qaxxaamuree gara Moskootti hiriire garuu sana booda lubbuun namootaa hedduu dhabee yeroo qorraa abdii kutannaa guddaan duubatti deebi’uuf dirqame kaasuun Faransaay ammaas humna keenyaan oli miti, ni salphaatti waan jedhan fakkaata. 

“Hanga ammaatti namoonni bara Naapooliyoonitti deebi’uu barbaadan, akkamitti akka xumurame dagatanii jiru,” jechuun Puutiin yaada televijiinii irratti kennaniin, pirezidaantii Faransaay Maakrooniin osoo maqaa hin kaasne dubbataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Leave a Reply