ONM-ABO Bitootessa 7, 2025
Aanaa Dugdaa keessatti dhiibbaan waraana garboomfataa PP’n maatii qabsaa’otaa irratti guyyuu raawwatu jabaatee itti fufee jiraachuun waraanni teessuma murna tokkoo qofa eeguuf bobbaafaman yoo ilmaan keessan bosonaa hin galchine hireen keessanii fi daa’imman keessan ni ajjeefamu, hidhamuu fi firoottan keessan doorsisaa fi dararaan goonkumaa irraa hin dhaabbatu jechuun miidhaa qaamaa fi qorqalbiin akka miidhaman gochaa jiraachuu jiraataan aanichaa tokko yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodeera.
Keessattuu gandoota akka Tuchii Sumayyaan fi Shubii Gamootti dhiibbaa hamaan raawwachaa jiraachuu kan himan, ganda Tuchii Sumayyaan irraa Obbo Quufaa Boruu fi haadha warraa isaa waraanni garboomfataan PP ilma keessan hanga galchitanitti jechuun Bitootessa 1, 2025 ukkaamsanii hanga gabaasni kun qindaa’etti waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Maqiitti hidhanii daa’imman isaanii qofaa hambisuun hiaarsaa jiraachuun ibsameera.
Waraanni gara jabeeyyiin sirnichaa kunneen Obbo Quufaa guyyaadhuma qabanii hidhan kana qabeenyaa mana isaa keessa jiru re’ootaa fi hoolota hedduu saamuun akka deeman maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Oduu biraatiin ammoo onichuma ganda Tuchii Sumayyaan fi Shubii Gamoo keessatti taateewwan dabaan waraanni faashistii PP erga baatii tokkoo hawaasa irratti raawwachaa jiru walakkeessa halkanii mana jiraattotaa irra deemuun “nuti WBO’dha” jedhanii haawwan irratti gudeeddii raawwachaa fi saamicha taasisaa kan jiran, hawaasni fuula jaalalaa WBO’f qabu irraa akka deeffatuuf kalaqa jallinaa guyyaa guyyaan raawwachaa akka jiran itti dabaluun ifoomsaniiru.






























