• Thu. Nov 26th, 2026

Yuuniversitii Dambii Dollootti hoogganaan dhimma nageenyaa yuuniversitichaa hojjettootaa fi barattoota quuqama sabaa qaban adamsuun miidhaa jiraachuun barame

Mar 7, 2025

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Yuuniversitii Dambii Dolloo keessatti hoogganaa dhimma nageenyaa yuuniversitichaa kan ta’e namni maqaan isaa Abiraahim Bantii jedhamu hojjettootaa fi barattoota quuqama Oromummaa qabanii fi hojii idilee ykn ogummaa isaaniitiin amanamoo ta’uun sabaa fi biyya isaanii tajaajilan maqaa adda addaa itti maxxansuun holola irratti geggeessuu, hidhuu fi hanga mooricha keessaa ariisisuutti irratti raawwachaa turuu fi hanga har’atti illee itti fufee dalagaa jiraachuun baramee jira.

Namni kun osoo gara hooggansa dhimma nageenyaa yuuniversitii Dambii Dollootti hin dhufin duras waggaa dheeraaf poolisii idilee kan ture oggaa ta’u, hojii poolisummaa keessattis gochoota farra mirga namoomaa dalagaa kan turee fi sadarkaa guddinaa kanas sababa hammeenyummaa raawwatu kanaan akka argate himuun, amma immoo hojii ergama mooraa yuuniversitii tokko hin madaalle hojjeechaa jira jechuun maddeen keenya ONM’tti himaniiru.

Bara bulchiinsa abbootii irree keessatti ulaagaan muudamaa fi aangoo ittiin argatan inni guddaan namoota sabaa fi biyya isaaniif ilaalchaa fi yaada gaarii qaban akkasumas, ogummaa isaaniitiin amanamoo ta’uun loogii tokko malee sabaa fi biyya isaanii tajaajilan osoo hin taane, faallaa kanaa adamsanii hojii irraa ari’uu, hidhuu fi ajjeesuudhaan jiilchuu kan jedhu ta’uun ni beekama.

Leave a Reply