• Fri. Mar 20th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti loltoonni Bilxiginnaa barsiisaa tokko irratti reebicha ulfaataa raawwatan

Mar 9, 2025

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Qooda barsiisota hundaaf waan gaariin oolamuufii qabu murni Bilxiginnaa erga jijjiirama siyaasaa dhiiga ilmaan Oromoon dhufe butee gara aangootti olba’ee kaasee haala duraan barameen olitti addatti barsiisota Oromoo irratti xiyyeeffachuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa jira.

Magaalaa Buraayyuu irraa barsiisota ijaan arguu kan jibban ergamtoonni  Bilxiginnaa Bitootessa 7, 2025 galgala barsiisaa maqaan isaa Daawwit Baqqaanaa Abdiisaa jedhamu badii tokko malee reebicha ulfaataa irraan gahuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Barsiisaa kana erga ofitti waamanii booda, garmalee reebuun qawween adda keessa dhoosanii dhiiga dhangalaasuun yeroo ammaa kana miidhaa irra gaheen du’aa fi jireenya gidduu kan jiruu fi hospitaalatti yaalamaa jiraachuun ibsameera. 

Barsiisaan kun badii dhiiga isaa dhangalaasisu kan hin hojjennee fi loltoonni sirnichaa maqaa “qaama biroo waliin ergama qabda; barattoota siyaasa barsiista” jedhuun yakkanii miidhaa nama suukkaneessu kana irratti kan raawwatan ta’uu fi akkuma magaalichaa fi guutuu impaayerattiitti rakkoo ulfaataan barsiisota mudataa kan jiru ta’uun dabalataan ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading