ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessatti jiraattonni hedduun yeroodhaa yerootti maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi yakkamtoota jedhuun jumlaan hidhamanii baatiilee dheeraaf hiraarfamaa akka jiran ibsameera.
Namoonni yakka tokko malee qabamanii hidhamuun hiraarfamaa jiran kanneen maqaan isaanii nu ga’e muraasni:
- Kadiroo Gadaa,
- Sulxaanoo Kadiroo,
- Adam Mohaammad Gadaa,
- Hasan Aliyyii,
- Faamii Sulxaan,
- Aanaa jaamboo,
- Aliyyii Roobaa,
- Umar Daargee,
- Bilaal Hasaanoo,
- Jundii Abbaas,
- ullaalaa Abdallaa,
- Abdallaa Badhasoo fi kanneen biroo hedduu akka ta’an ifoomeera.
Murni Bilxiginnaa erga aangootti dhufee kaasee qabsaa’ota Oromoo yakka tokko malee qabee hidhee himata osoo irratti hin banin manneen hidhaatti dararaa kan jiru oggaa ta’u, namootni murtii malee haala yeroon hidhamanii jiran tajaajila dhabuun dhibee adda addaaf saaxilamaa jiru.

