ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Oromiyaa keessatti ajjeechaan itti yaadamee waraana garboomfataa PP’n raawwatu guyyaa guyyaan cimee itti fufuun Bitootessa 6, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Bukkoo Assabiitti nama hojjeetatee of jiraachisu kan maqaan isaa Xibabuu Kifiluu Kitilaa jedhamu galgala irraa waraanni maafiyaan PP sa’a 1:06’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa qaamolee tikaa fi waraana isaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatan ijaaree guyyaa bobbaasee kaasee lubbuun lammiilee nagaa qe’ee Oromootaa keessatti akka baala mukaatti harca’aa jira. Waraanni mirga ajjeesuu koloneel Abiy Ahimed irraa fudhate bobba’e namoota waltajjii baasee fuula hawaasaa duratti ajjeesuun gochoota hawaasa suukkanneessuu fi sodaachisu raawwachaa oola.
Gocha gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan fudhachaa jiru egeree ilmaan Oromoof yaaddoo guddaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, hawaasni nagaan hireen isaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun yakkamee ukkaamfamuun hidhamuu, saamamuu fi ajjeefamuu ta’ee jira.


