• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti Yuunivarsiitii Jimmaa dabalatee murni Bilxiginnaa namoota 3,000 oliif leenjii basaasummaa kennaa jiraachuun saaxilame

Mar 9, 2025

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Yuunvarsiitii Jimmaatti maqaa “nageenyi misoomaaf” jedhuun ijoollee hiyyeessaa, barattoota, hojii dhabeeyyii fi namoota ergama isaanii dhugoomsuu danda’an kanneen sadarkaa garaa garaa irra jiran mara walitti qabuun haala sochii namoota magaalichaa hordofuu, sabboontota Oromoo adamsanii qabsiisuu fi ajjeessisuu irratti leenjii kennaafii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, “leenjii tola ooltummaa” da’oo godhachuun ministeerri nageenyaa impaayerattii Isheetuu Dassee fi itti aanaan pirezedaantii Yuunivarsiitii Jimmaa namni Gammachiis Filee jedhamu waliin ta’uun namoota 1,000 oliif leenjii basaasummaa kennaa jiraachuun saaxilamee jira. 

Dhaabbilee barnoota olaanoo magaalaa Jimmaa keessatti argamanii fi Yuunivarsiitii Jimmaa dabalatee walumaagalatti namoonni baay’inaan 3,366 ta’an, qarshii xiqqoo qofaan gowwomfamuun leenji’aa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera. 

Leenjiin basaasummaa kun magaalichatti Bitootessa 8, 2025 guyyaa 15’ffaaf kennamaa kan jiruu fi guyyoota walitti fufan digdamii shaniif kan itti fufu ta’uun baramee jira.

Leellistoonni impaayerattii  bara aangoo isaanii dheereffachuuf ifaajaa oolan, rakkoowwan siyaas-diinagdee roga maraan isaan mudate dandammachiisuuf tooftaalee adda addaa bocanii uummata jireenyi itti qaala’ee harkaa gara afaanii qofa jiraatu gowwomsuun akka soogiddaatti maallaqa xiqqoo ija dura qabanii siyaasa isaanii geggeeffataa jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading