ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa gandoota akka Saraansarii (Dhuqqoo), Jiddoolaa (Balaanbalii) fi Raaroo keessatti yeroo ammaa kana hidhaa, ajjeechaa, humnaan ukkaamsanii gara dirree leenjiitti erguu fi kkf hawaasa gandoota kanneenii irratti akka malee cimsanii jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa kunneen jedhanitti torban darbe kana aanichuma ganda Qaraaroo keessatti nama nagaa maqaa leenjii milishaa didde jedhu itti maxxansuun nama maqaan isaa Muktaar Goobanaa jedhamu rasaasa Itti roobsanii ajjeesuun kan gatan ta’uu itti dabaluun addeessanii jiru
Keessattuu dargaggootaa fi barattoota adamsuu irratti kan xiyyeeffate murnichi, yeroo ammaa kanas sababa roorroon tiksitoota impaayerattii daangaa darbeef jecha barattoonni mana barnootaa addaan kutanii baqachaa akka jiranis jiraattonni itti dabaluun ifoomsanii jiru.
Murni garboomfataan PP kan uummata nagaa irratti cunqursaa fi gochoota suukkanneessaa akkasumas yakka ta’e raawwachuun beekamu, yeroo ammaa kana immoo haala baratameen olitti bifa adda ta’een goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ajjechaa, hidhaa jumlaa, gudeeddii, manneen jiraattotaa gubuu fi kkf raawwachuun dararaa hawaasaa hammeessanii jiru.



